Fardis Kunoo Dirreenis!

Damee Mulaatutiin

Sanbata xiqqaa hagayya 9 bara 2007 Giddugala Aadaa Oromootti Finfinnee. Akkuma guyyoottan ykn sanbattan darbanii hara’as galmi giddu gala Aadaa Oromoo dhangaa eebba kitaabota “Seenaa Gootota Oromoofi Kaan”, fi “Imimmaan Oshiwiitiz”f qophaa’eera. Hamaamonni dhangaa kanaa: maanguddoonni, keessumoonniifi hayyoonni Oromoo Aadaafi Aartii Oromoo guddisuuf shoorasaanii bahachuurratti argaman miidhagina sirna eebba kitaabota kanaaf kaan uffata aadaan faayyamanii, kuuwwan ammoo uffatanii dhufuu hafuusaaniif of ceepha’anii ayyaana kanarratti hirmaachuuf galma kanatti walitti dhufaniiru. Sirni eebba kitaabota kunneenii waaree booda sa’a 8:00 irraa eegaleeti, akka waraqaan waamicha mul’isutti…

seenaa                                 11885143_10201029556379043_2569525857742088430_n
Anis sirna eebba kitaabota kunneenii gabaasuuf ramdameen gara galma kanaatti qajeele. Yeroo mooraa giddu gala kana gahu waa lamatu altokkotti keessa koo weerare. Inni tokko, qabeenya dhuunfaa Oromoon waliin qabu keessatti kitaabonni Aadaafi Aartii Oromoo guddisan eebbisuuf maanguddoonni, hayyoonni, aangawoonni, aartistoonni dardaran, shamarraniifi ijoollonni wayita galma kana seenan hedduun itti boone. Kan lammataa ammoo kanaan dura dhabamuu galma aadaa kan ka’e Finfinnee keessatti kitaabotas ta’e fiilmii Afaan Oromoo keessatti eebbisiisuufi agarsiisuuf aartistoonniifi jaallattoonni aartii Oromoo rakkachaa akka turan seenaa yeroo dhiyooti. Aartistoonniifi barreessitoonni sababa galmaaf haamileensaanii cabee waa silaa gumaachuu qaban gumaachuu hafaniiru. Sababa kanaan guddina aadaafi aartii Oromoof qorumsa ta’aa ture galmi giddu gala Aadaa Oromoo kun deebii ta’uunsaati.
Giddu galli Aadaa Oromoo kun erga eebbifamee hojii eegalee yeroo gabaabduu ta’us, jalqabbii kanaan hojii guddaa guddina Aadaafi Aartii Oromoof buusuu eegale guddaadha. Kana jechuuf waanti na dandeessises, giddu galli kun akkuma kaayyoo hundeeffameef bakka aadaa, seenaa, akkasumas, Aartiin Oromoo itti dagaagu, hojiin aartii Oromoos ifa itti bahudha. Gama kanaan galmi kun hawwii Aartisootaafi hordoftoota bu’aa Aartii Oromoo barootaaf ture dhugoomseera. Giddu gala kanatti eebbi kitaabota Seenaa Aadaafi hog-barruu Oromoo Akkasumas, bu’aawwan aartii Oromoo kanneen akka fiilmii, tiyaatira garaa garaa keessatti eebbifama, keessattis daawwatama. Waltajjiiwwan Aadaafi aartiin Oromoo akkasumas Siyaas-dinagdee biyyaaf gumaachan garaa garaas keessatti ni adeemsifama giddu gala Aadaa Oromoo kanatti.
Giddu Galli Aadaa Oromoo kun rakkoo guddina Aadaafi Aartii Oromoo yeroo dheeraaf ture furuurra darbees mallattoofi qabeenya Oromoon waloon handhuura biyyaafi naannoo keenyaa keessatti qabnu waan ta’eef ittiin boonna. Yeroon kana jedhu Aadaafi Aartii Oromoo guddisuuf galmi Aadaa Oromoo ijaarame kun qofti gahaadha jechuu koo miti. Oromoon “Fardi Areeroo ka’ee Areerii ga’e malee bakka galmasaa hin geenye”akkuma jedhu, Aadaafi Aartiin keenya dhalatee guddina eegale malee bakka galmasaa hin geenye. Hubadhu, Aadaaf Aartii Oromoo kan guddisu ammoo anaaf si’idha! Aadaafi Aartii keenya guddisuuf daandii nuti har’a geenye daandii dheeraafi ijjibaachisaa ta’us, si’achis daandii dheeraatu nu eeggata.
Kaleessa Afaan Oromoo maqaa badaan itti keenamee itti yeella’ame. Guddinnisaa hafee afaan haasaa qofa ture. Har’a afaan hojiifi hog-barruu ta’eera. Darbees Afaan Saayinsiifi tekinooloojiis ta’eera, ta’aas jira… . barruun har’aaf qabadhee isiniif dhiyaadhe kun, seenaa dhufaatii aadaafi aartii Oromoo guddinnisaa maalirra akka tureefi amma maalirra akka jiru isiniif kaasuuf miti. “Fuulduratti arreedduuf dudduubatti aggaamuu qabna!” Oromoon akkuma jedhu, guddinni Aadaafi aartii Oromoo gufuu hedduu bira darbee har’arra gahe dhaloonni ammaa salphaatti ilaaluu akka hin qabne yaadachiisuuf yoo ta’e malee…
…yeroo ammaa Aadaafi Aartii Oromoo guddisuuf yeroo sochiin bal’aan itti jiramuudha. Dargaggoonni keenya hedduun wayita kalaqa sammuusaanii ogummaa aartii garaa garaan mul’isaa jiranidha. Hog-barruuwwan sadarkaa Idil-addunyaatti ummata Oromoof hiikoo qaban Afaan Oromootti jijjiiruudhaanis hayyoota seenaa nu gachaa jiru. Sirboota, Diraamaa Fiilmiiwwan garaa garaa bifa aadaafi ammayyaan qopheessuunis guddina Aadaafi Aartii Oromoof gumaachaa jiranittis guddaa isaaniin boonneerra. Gama kanaan milkaa’ina hojii aadaafi aartii Oromoo kanaafis deggersi mootummaan gochaa jirus salphaa miti. Giddu Galli Aadaa Oromoo kun ijaaramuusaatiin gaaffiifi hawwiin barootaaf ture deebii argatee aadaafi Aartii Oromoof gaadisa ta’eera.
Taajjabbii koo kana goolabuun dura egaa “Fardis Kunoo Dirreenis kunoo!” akkuma jedhamu, kanaan dura sababa dhibamuu galma aadaarraa kan ka’e Aadaafi Aartii keenyarratti rakkoo hammamii akka uumame yaadachuuf bayyee nama hin xaarsu. Seenaa yeroo gabaabaa waan ta’eef. Giddu galli Aadaa Oromoo kun galma dhuunfaa waliiniiti. Qabeenyasaa gati jabeessa akka meetiitti mararfatamu, akka qaroo ijaattis kunuunfamu kan qabudha. Kana wayitan jedhu waa malee miti, qaamni abbummaan giddu gala kana gaggeessuu kunuunsa qabeenya giddu gala kana keessa jiru kunuunsuuf itti gaafatamummaa duraa haa qabaatuyyuu malee hawaasni itti fayyadamus kunuunsaafi eegumsa qabeenya giddu gala kana keessa jiruuf dirqama qaba.
Aadaafi Aartiin keenya guddina agarsiisaa akka jirus aadaan dubbisuufi do’achuu keenyas kan durii caalaa fooyya’aa jira. Haa ta’uyyuu malee hamma silaa ga’uu qabu hin geenye.Kanaafuu Aartisoonniifi hayyoonni seenaa akkasumas kallattiifi alkallattiin hojii milkaa’ina aartii keenyaaf kan gumaachaa jirtaniifi gumaachuu qabdan kan duraarra hammaafi qulqullinasaa foyyessuun akka itti fuftan lammummaafi jaalalaan dirqisiifamtu.
Eegan eebba kitaabota “Seenaa Gootota Oromoofi kaan” fi “Imimmaan Oshiwiitiz” gabaasuuf gara giddu gala kanaa deemee waa isin yaadachiisuuf qalamakoo waraqaan wal simsiise malee isan dhaqeef dagadhee miti. Yeroo akka sagantaa kanaatti akka eegaluuf qabame waaree booda sa’a 8:00 jedhamus hanga sa’a 9:20tti wayita utuu hin eegalamiin hafu waanan taajjabe kana barreessuuf dirqameeti.
…kitaaba “Gootota Oromoofi kaan” jedhu gaazexeessaa Shallamaa Kabbeetu barreesse. Kitaabni kun ragaawwan seenaa gootota Oromoo keessaa seenaa gootota 37f kan barreeffamedha. Akka barreessan kitaaba kanaa dargaggoo Shallamaan jedhetti, Odeeffannoo gootota kanaa kitaaba kana keessatti caqasame nama seenaa Oromoo qoratuuf ka’umsa gaarii ta’a.
“Imimmaan Oshiwiitiz” ammoo Gaazexeessaafi barreessaa Hinseenee Makuriyaan kitaaba Afaan Ingiliffaa Dr. Mikiloos Niziil barreesse gara afaan Oromootti hiikuun dubbistootaaf dhiyeesse. Kitaabni kun gocha farra namummaa Jarmanoonni yihuudota biyyoota Poolaan, Isiraa’el, Hangarii, cheek fa’irratti raawwataniif taateewwan gochi kun ittiin raawwatame bal’inaan kan ibsuudha.Gaazexessaafi Barreessaa Hinseeneen sirna eebba kanaarratti seenaan kitaaba Imimmaan Oshiwiitiz jedhu kun barreeffama qalbii namaaf boqonnaa kennu miti. Garuummoo gochaawwan suukkanneessaa sana baruun kan boriif ofeegggannoo gochuuf nama gargaara.
Sirna Eebba Kitaabota kunneeniirratti Pirezidaantiin Waldaa Barreessitoota Oromoo Obbo Gaaddisaa Birruu haasawaa taasisaniin, Afaan Oromoo dur afaan haasaa qofa ture, har’a afaan barreeffamaa ta’eera. Seenaan gootota Oromoos haala ragaa barreeffamaan dhalootaaf darbuu danda’uun katabameera. Aadaafi Aartii keenya guddisuuf sochiiin barreessitoonni keenya gochaa jiran daran jajjabaachuu qaba. Dubbistoonnis kitaabota Afaan keenyaan barreefaman bitachuun hubannoofi beekumsa irraa argachaa guddina Hog-barruu keenyaaf haa tumsinu jedhaniiru. Horaa bulaa!

Comments

comments

  • Posted by Gemeda olana
  • on August 21, 2015
  • Comments are off
  • Features ,
Read More

Maaloo,gatiin geejjibaa kitaabilee nu ajajjaniif akka isinii hir'atuuf kitaabilee 4 fi isaa ol bitaa ! Dismiss

%d bloggers like this: